Dhukkubbii dugdaa gara gadii qancare (chronic low back pain) kan jennu dhukkubbii dugdaa gara gadii torban 12 ykn isaa ol ture dha.
Dhukkubbiin kun sababa ifa ta’een ykn sababa adda baasuun hin danda’amneen uumamuu danda’a.
Sababoota ka’umsa ta’anii fi wantoota namattii hammeessan keessaa:
○Sochii qaamaa taasisuu dhabuu
○Ulfaatina qaamaa garmalee olka’aa
○Umuriin dabaalaa deemuu (keessuumaa waggaa 50 booda)
○Dhaabbata qaamaa mijataa hin taane (yeroo hojii hojjannu fi bakka adda addaatti haala sirrii hin taanee fi jajjallataa ta'een) turuu.
○Tamboo xuuxuu
○Hirriba ga’aa dhabuu fi dhiphina sammuu.
○Dhukkuboota adda addaa akka: Infekshinii, miidhamuu lafee fi kan biroo bakka sana huban
Mallattoolee dhukkubbiin dugdaa yaala hatattamaa argachuu akka qabu agarsiisan
○Fincaan baasuu dadhabuu,
○Fincaan ykn bobbaa to’achuu dadhabuu
○Miilli tokko ykn lamaan humna dhabuu (laamsha’uu, dadhabuu)
○Ulfaatinni qaamaa sababaa malee hir’achuu
Of-kunuunsaa dhibee dhukkubbii dugdaa qancaree:
○Hanga danda’ametti hojii idilee itti fufuu
○Sochii qaamaa (Sochii qaamaa suuta-suuta dabalaa deemu).
○Hirriba gaariif qulqullina qabu argachuu
○Yeroo dheeraa ciisuu fi taa’uu irraa of qusachuu, yoo haalli hojii keenyaa kan yeroo dheeraa nu teessisu ta’e giddu gidduutti socho’uu.
○Bakka taa’umsa ofii yoo kan hin mijanne ta’e jijjiiruu.
Hub: Qorichoota ajaja malee dhukkubbii hir’isuuf fudhataman kan NSAIDs jedhaman kan akka ibuprofen ykn diclofenac giddu gidduutti yeroo dhukkubbii fudhachuun akkuma jirutti ta’ee, qorichoonni kun keessumaa yeroo dheeraaf yoo fudhataman rakkoo qunca’uu garaachaa, kalee fi kan biroo waan fiduu ykn hammeessuu danda’aniif ogeessa fayyaa waliin mari’achuun barbaachisaadha.
BFO
Fayyaan Faaya!















